Posts

Showing posts from April, 2022
Seenaa Abishee Garbaa Abishee Garbaa abbaa duulaa (mootii jechuunis ni danda'ama) ummata Oromoo naannoo Horroo jiraachaa turee yoo ta'u goota beekkamaadha. Abbaan Abiishee Garbaa Hurruubaa yoo ta'u haatisaa ammoo Dagattee jedhamti. Aadde Dagatte daldaltuu beekkamtuu yoo taatuu abbaansaa ammoo abbaa duulaati. Seenaa Duubaa Abiishee Garbaa ilma abbaa duulaa Odaa Bulluq kan naannoo Horroo kan ture kan Garbaa Hurruubaati. Garbaa Hurruuba sirna Gadaatin Odaa Bulluqiin filatamee akka abbaa duulaatti bara 1850-54tti tajaajilaa ture. Waggaa afur akkuma tajaajileen Garbaan ni du'e. Abishee Garbaa kanatti fayyadamuun abbaa duulummaa abbaasaa kan waggaa afur hafe kana qabachuuf gaaffii dhiyeesse. Kunimmoo sirna Gadaa keessatti fudhatama kan hin qabne waan ta'eef mormiin isa mudate; garuu deeggartoota muraasaa keessattu dargaggoota ni qaba ture. Boodarra Abisheen abbaa duulummaa abbaasaa kana humnumaan dhaalee abbaa duulaa ta'e. Kunis bara 1855tti. Waggaan arfan hafan xumur...